Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Mootota 2

Ajaja Daawud Suleyimaaniif Kenne

1 Daawud Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Suleyimaanin ajaje.

2 Innis akkana jedhe; "Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi; 3 waan Rabbii Allaahan kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Muusaa keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi; 4 yoo ati akkas goote, Rabbii Allaahan waan, Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdujedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.

Veja também