7 Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, "Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa" jedhe.
Isaanis, "Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti" jedhan.
15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, "Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?" jedhe.
Saaʼolis akkana jedheen, "Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Allaahanis narraa garagaleera. Inni nabiiʼiyyootaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe."