Pular para o conteúdo
Publicidade

Keessa Deebii 8:11-14,17,18

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Rabbii Allaah kee hin daganne of eeggadhu. 12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti, 13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti, 14 ati of tuultee Rabbii Allaah kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta. 17 Ati, "Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee" yaadda taʼa. 18 Garuu Rabbii Allaah kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    11 አት አከ አጀጀወን፣ ቀጄልፈመወኒፊ ሴረወንሳ ከኔን አን ሀርአ ሲፍ ኬኑ ኤጉ ባቹዻን ዋቀዮ ዋቀኬ ህንደገትኔ ኦፍ ኤገዹ። 12 ዮ ከና አቺ ዮሙ ኛቴ ቁፍቱት፣ ዮሙ መነ ጋሪ እጃረቴ ኬሰ ጅራቱት፣ 13 ዮሙ ሎኒፊ ቡሻዬንኬ ወል ሆረኒ ሜቲፊ ወርቄንኬ ደበሉፊ ዮሙ ወን አት ቀብዱ ሁንድ ባይአቱት፣ 14 አት ኦፍ ቱልቴ ዋቀዮ ዋቀኬ እሰ ብየ ግብጥ፣ ብየ ገርቡማቲ ባሴ ስ ፍዴ ሰነ ንደገተ። 17 አት፣ "ሁምነኮቲፊ ጀብነ ሀርከኮቱ ቀቤኘ ከነ ናፍ አርገምሲሴ ጄቴ" ያደ ተአ። 18 ገሩ ዋቀዮ ዋቀኬ ያደዹ፤ ከን አኩመ ሀርአ ጅሩ ከነት አከ አት ቀቤኘ ሆረቱፍ ደንዴቲ ሲፍ ኬኔ ዋዳ ከኩዻን አቦቲኬቲፍ ገሌ ሰነ ሲፍ ኤጌሳቲ።

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu. 12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti, 13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti, 14 ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta. 17 Ati, "Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee" yaadda taʼa. 18 Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.