Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

Dhalachuu Iisaa

26 Elsaabeexi ulfooftee jiʼa jaʼaffaattis Jibriil malaʼikkaan Allaah biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27 innis gara durba namichi sanyii Daawud irraa dhalate kan maqaan isaa Yuusuf jedhamu tokkoof kaadhimamtee1:27 Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma. dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Mariyaam ture. 28 Malaʼikkaan Allaaha sunis gara ishee dhaqee, "Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira" jedhe.

29 Mariyaam garuu dubbii malaʼikkaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, "Kun nagaa akkamiitii?" jettee yaadde. 30 Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; 33 inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."

34 Mariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee malaʼikkaa sana gaafatte.

35 Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Allaah Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Allaaha ni jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37 Wanni Allaahaf hin dandaʼamne hin jiruutii."

38 Mariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Malaʼikkaan sun ishee dhiisee deeme.

Veja também