30 Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; 33 inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."