59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakariyaa jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. 60 Haati isaa garuu, "Lakkii! Inni Yahyaa jedhamee waamamuu qaba" jette.
61 Isaanis, "Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru" jedhaniin.
62 Namoonni sunis akka Zakariyaan eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, "Maqaan isaa Yahyaa" jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Allaah galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.