15 Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.
16 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; "Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef. 17 Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
18 "Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha. 19 Lubbuu kootiinis, "Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis" nan jedha.’
20 "Allaahan garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
21 "Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Allaaha duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa."