Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 2

Iisaa Mucichi Mana Qulqullummaa Keessatti

41 Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan. 42 Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama2:42 Ijoolleen dhiiraa Yihuudootaa yommuu umuriin isaanii waggaa kudha sadii guututti itti gaafatama ofii isaanii fudhatu. Taʼus yeroo sanaan dura utuu gargaarsa haadhaatii fi abbaa hin barbaadin ajajawwan tokko tokko eeguu qabu. Ajajawwan kanneen keessaas tokko waggaa waggaatti Yerusaalem dhaqanii waaqeffachuu dha. guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan. 43 Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Iisaan mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne. 44 Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban. 45 Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan. 46 Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan. 47 Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan. 48 Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, "Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!" jetteen.

49 Innis deebisee, "Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?" isaaniin jedhe. 50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.

51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte. 52 Iisaanis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Allaahatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.

Veja também