Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 5

18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Iisaa dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan. 19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Iisaa duratti siree isaatiin gad isa buusan.

20 Iisaanis yommuu amantii isaanii argetti, "Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.

21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, "Namichi Allaah arrabsu kun eenyu? Allaah tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.

22 Iisaanis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; "Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu? 23 Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii deemijechuutu salphaa dha? 24 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. 25 Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Allaah jajachaa mana ofii isaatti qajeele.

Veja também