Iisaan Bubbee Gab gochuu Isaa
22 Gaaf tokko Iisaan barattoota isaatiin, "Kottaa galaana gama ceenaa" jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan. 23 Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.
24 Barattoonnis dhaqanii, "Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!" jedhanii isa dammaqsan.
Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe. 25 Barattoota isaas, "Amantiin keessan eessa jira?" jedhee gaafate.
Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, "Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf" jedhanii wal gaafatan.