43 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye. 44 Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.
45 Iisaanis, "Eenyutu na tuqe?" jedhee gaafate.
Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, "Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru" jedhe.
46 Iisaan garuu, "Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa" jedhe.
47 Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate. 48 Kana irratti inni, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi" jedheen.