Fakkeenya Raacitiitii fi Sanyii Sanaaficaa
31 Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata. 32 Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu."