36 Iisaanis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, "Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi" jedhaniin.
37 Innis akkana jedhee deebise; "Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti. 38 Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; 39 diinni inkirdaada facaase immoo ibliis dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo malaʼikkoota Allaaha ti.
40 "Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. 41 Ilmi Namaa malaʼikkoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu. 42 Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa. 43 Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.