Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 15

Amantii Dubartii Kanaʼaan Tokkoo

21 Iisaanis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele. 22 Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, "Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawud, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!" jette.

23 Iisaan garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, "Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi" jedhanii isa kadhatan.

24 Inni immoo, "Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame" jedhee deebise.

25 Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, "Yaa Gooftaa na gargaari!" jette.

26 Innis, "Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti" jedhee deebise.

27 Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu" jettee deebifteef.

28 Iisaanis, "Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu" jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.

Veja também