Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 18

Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu

1 Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.

2 Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. 3 Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. 4 Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também