Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 4

Iisaan Qoramuu Isaa

1 Ergasii Iisaan akka ibliisiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. 3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, "Ati yoo Ilma Allaaha taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji" jedheen.

4 Iisaan immoo deebisee, " Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu4:4 KeD 8:3 jedhamee barreeffameera" jedheen.

5 Ergasii ibliis gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. 6 Akkanas jedheen; "Ati yoo Ilma Allaaha taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii:

" Inni malaʼikkoota isaa siif ni ajaja;

isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,

harka isaaniitiin ol si fuudhu.4:6 Zab 91:11,12"

7 Iisaan immoo deebisee, " Allaah kee Goofticha hin qorin4:7 KeD 6:16 jedhamee barreeffameera" jedheen.

8 Ammas ibliis tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. 9 Akkanas jedheen; "Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna."

10 Iisaanis, "sheeyxaana nana, narraa fagaadhu! Allaah kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili4:10 KeD 6:13 jedhamee barreeffameeraatii" jedheen.

11 Ibliisis isa dhiisee deeme; malaʼikkoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.

Veja também