Diina Jaallachuu
43 " ‘Ollaa kee jaalladhu; 5:43 Lew 19:18 diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu. 44 Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis duʼaa godhaa; 45 kanaanis abbaa keessan kan shamaayʼun irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa. 46 Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii? 47 Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii? 48 Akkuma abbaan keessan inni shamaayʼun irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.