2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, "Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedheen.
3 Iisaanis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe. 4 Ergasiis Iisaan, "Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Muusaan ajaje sana illee dhiʼeessi" jedheen.