Iisaan Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa
28 Yommuu Iisaan gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo qabriitii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. 29 Isaanis, "Yaa Ilma Allaaha, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?" jedhanii iyyan.
30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. 31 Hafuuronni hamoon sunis, "Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi" jedhanii Iisaa kadhatan.
32 Innis, "Dhaqaa!" jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. 33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. 34 Magaalaan sun guutuunis Iisaa arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.