13 Yushuʼaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kilaab ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq. 14 Kilaabis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase.