Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

11 Malaʼikkaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakariyaatti mulʼate. 12 Zakariyaanis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. 13 Malaʼikkaan sun garuu akkana isaan jedhe; "Yaa Zakariyaa, hin sodaatin; duʼaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yahyaa jedhii moggaasi. 14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; 15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu;1:15 Kun dirqama addaa kan namni kakuu Naazirummaa of irraa qabu tokko guutuu qabuu dha. utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. 16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Allaah isaaniitti ni deebisa. 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Iliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema."

Veja também