16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Allaah isaaniitti ni deebisa. 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Iliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema."