2 Innis akkana isaaniin jedhe; "Isin yommuu duʼaa gootan akkana jedhaa:
" ‘Yaa Abbaa,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
mootummaan kee haa dhufu.
3 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni.
4 Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana
atis cubbuu keenya nuu dhiisi;
qoramatti nu hin galchin.’ "