27 "Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Allaaha hin argin duʼa hin dhandhaman."
Bifti Iisaa Geeddaramuu Isaa
28 Iisaan erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaʼikuubin fudhatee duʼaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29 Utuu inni duʼaa gochaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Muusaa fi Iliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Iisaa wajjin haasaʼaa turan. 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan.