14 Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha:
" ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;
ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
15 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;
gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;
ija isaaniis dunuunfataniiru.
Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,
gurra isaaniitiin dhagaʼanii,
qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;
anis isaan nan fayyisa ture.’ 13:15 Isa 6:9,10