24 Iisaan akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata. 25 Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme. 26 Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
27 "Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
28 "Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe.
"Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
29 "Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa. 30 Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, "Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa" jedhee isaanitti nan hima.’ "