Gibira Mana Qulqullummaa
24 Yommuu Iisaa fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, "Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?" jedhanii gaafatan.
25 Innis deebisee, "Ni kaffala" jedheen.
Iisaan yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, "Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?" jedhee gaafate.
26 Phexrosis deebisee, "Keessummoota irraa walitti qabu" jedhe.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Yoos ijoolleen isaanii bilisa. 27 Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni."