Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 20

Fakkeenya Warra Iddoo Dhaaba Wayinii Keessa Hojjetanii

1 "Mootummaan shamaayʼuniis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata. 2 Innis guyyaatti diinaarii20:2 Diinaariin mindaa guyyaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu ture. tokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.

3 "Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge. 4 Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaajedheen. 5 Isaanis ni dhaqan.

"Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe. 6 Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?jedhee isaan gaafate.

7 "Isaanis, Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniifjedhanii deebisan.

"Inni immoo, Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaajedheen.

8 "Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliifjedheen.

9 "Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan. 10 Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan. 11 Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman. 12 Isaanis, Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessitejedhaniin.

13 "Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee? 14 Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada. 15 Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?jedhe.

16 "Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu."

Veja também