Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 20

Jaamonni Lama Fayyifamuu Isaanii

29 Utuu Iisaa fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe. 30 Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Iisaan achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, "Gooftaa, yaa Ilma Daawud nu maari!" jedhan.

31 Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, "Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawud nu maari!" jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

32 Iisaanis dhaabatee isaan waamee, "Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?" jedhee isaan gaafate.

33 Isaan immoo, "Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna" jedhanii deebisan.

34 Iisaanis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.

Veja também