Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 21

Iisaan Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa

1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Iisaan barattoota lama erge; 2 akkanas isaaniin jedhe; "Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa. 3 Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, Gooftaatu isaan barbaadajedhaa; innis yommusuma erga."

4 Kunis akka wanni karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:

5 "Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa;

Kunoo, mootiin kee gad of qabee,

harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis

harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ "21:5 Zak 9:9

6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Iisaan isaan ajaje godhan. 7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Iisaanis isaan irra taaʼe. 8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. 9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii,

"Hoosaaʼinaa Ilma Daawudiif!"

"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"21:9 Zab 118:26

"Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!" jedhan.

10 Yommuu Iisaan Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, "Kun eenyu?" jette.

11 Tuunni sun immoo, "Kun Iisaa, nabiiʼiyyicha Naazreeti Galiilaati" jedhee deebise.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também