15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, "Hoosaaʼinaa ilma Daawudiif" jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
16 Isaanis, "Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?" jedhanii isa gaafatan.
Iisaan immoo, "Eeyyee;" isin waan,
" ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’
jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?" 21:16 Zab 8:2
jedhee deebise.