Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 24

29 "Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,

" Aduun ni dukkanoofti;

jiʼis ifa ishee hin kennitu;

urjiiwwan shamaayʼun irraa ni harcaʼu;

humnoonni shamaayʼuniis ni raafamu. 24:29 Isa 13:10; 34:4

30 "Ergasii mallattoon Ilma Namaa shamaayʼun irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa shamaayʼuniitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. 31 Innis malaʼikkoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara shamaayʼuniiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também