Fakkeenya Taalaantii
14 "Ammas mootummaan shamaayʼun nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate. 15 Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme. 16 Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate. 17 Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate. 18 Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.
19 "Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate. 20 Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen.
21 "Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
22 "Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen.
23 "Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
24 "Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka. 25 Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’
26 "Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa? 27 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.
28 " ‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa. 29 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama. 30 Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’