Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 3

Lallaba Yahyaa

1 Bara sana Yahyaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; 2 innis, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhe. 3 Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin,

"Sagalee nama, Gooftaadhaaf karaa qopheessaa;

daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa

jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo"3:3 Isa 40:3

jedhamee dubbatame sanaa dha.

4 Uffanni Yahyaa rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. 5 Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. 6 Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.

Veja também