Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 5

3 "Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;

mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.

4 Warri gaddan eebbifamoo dha;

jajjabina ni argatuutii.

5 Warri garraamiin eebbifamoo dha;

lafa ni dhaaluutii.

6 Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;

isaan ni quufuutii.

7 Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;

araara ni argatuutii.

8 Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;

Allaah ni arguutii.

9 Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;

ijoollee Allaaha ni jedhamuutii.

10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;

mootummaan shamaayʼun kan isaaniitii.

11 "Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. 12 Sababii gatiin keessan shamaayʼun keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan nabiiʼiyyoota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.

Veja também