44 Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis duʼaa godhaa; 45 kanaanis abbaa keessan kan shamaayʼun irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.