Publicidade

Mateus 7

Nama Kaanitti Muruu

1 "Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. 2 Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.

3 "Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? 4 Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasajechuu dandeessa? 5 Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-