Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 9

2 Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Iisaanis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, "Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii" jedhe.

3 Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, "Kunoo, namichi kun Allaah arrabsa!" jedhan.

4 Iisaanis yaada isaanii beekee akkana jedhe; "Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu? 5 Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii deemijechuutu salphaa dha? 6 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. 7 Namichis kaʼee mana isaatti gale.

Veja também