Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 9

Iisaan Jaamota Lama Fayyisuu Isaa

27 Iisaan utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, "Yaa Ilma Daawud nu maari!" jedhanii iyyan.

28 Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, "Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis, "Eeyyee, yaa Gooftaa!" jedhanii deebisaniif.

29 Iisaanis ija isaanii qaqqabee, "Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu" jedheen. 30 Iji isaaniis ni baname. Iisaanis, "Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa" jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.

Veja também