10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Rabbii Allaah duratti duʼaa godhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Rabbii Allaahaf nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."
12 Yeroo Haannaan ittuma fuftee fuula Rabbii Allaah duratti duʼaa godhachaa turtettis Eeliin afaan ishee ilaalaa ture. 13 Haannaanis garaa isheetti duʼaa godhachaa turte; hidhii isheetu sochoʼa malees sagaleen ishee hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu Eeliin waan isheen machoofte seʼee, 14 "Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii wayinii kee of irraa fageessi" jedheen.
15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Rabbii Allaah duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. 16 Ati garbittii kee akka dubartii faayidaa hin qabne tokkootti hin ilaalin. Ani sababii dhiphinaa fi gadda koo guddaa sanaatiif hamma ammaatti duʼaa godhachaa ture."
17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Allaahan Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.
18 Isheenis, "Garbittiin kee fuula kee duratti surraa haa argattu" jette. Ergasiis deemsa ishee itti fufte; nyaata ni nyaatte; gaddis fuula ishee irratti hin mulʼanne.
19 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii fuula Rabbii Allaah duratti sagadanii gara mana isaanii Raamaatti deebiʼan. Elqaanaan niitii isaa Haannaa bira gaʼe; Rabbii Allaahanis ishee yaadate. 20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Rabbii Allaah irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.