Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamuʼeel 1

22 Haannaan garuu hin dhaqne. Isheenis dhirsa isheetiin, "Erga mucaan kun harma guʼee booddee ani isa geesseen fuula Rabbii Allaah duratti isa dhiʼeessa; innis jireenya isaa guutuu achuma jiraata" jette.

23 Dhirsi ishee Elqaanaanis, "Waanuma jaallatte godhi; ati hamma harma isa guusiftutti asuma turi; Rabbii Allaahan garuu dubbii isaa fiixaan haa baasu" jedheen. Kanaafuu dubartittiin mana turtee hamma harma isa guusiftutti ilma ishee hoosifte.

24 Ishee erga mucicha harma guusiftee booddee mucichaa fi dibicha loonii kan umuriin isaa waggaa sadii taʼe, daakuu iifii1:24 Iifiin tokko kiiloo giraamii 40. tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko fudhattee gara Shiiloo gara mana Rabbii Allaahatti fidde. Mucichis daaʼima ture.

Veja também