Publicidade

1 Samuel 5

6 Harki Rabbii Allaah saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. 7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, "Sababii harki isaa nuu fi Allaah keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Allaah Israaʼel as turuu hin qabu" jedhan. 8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel maal gochuu qabna?" jedhanii isaan gaafatan.

Isaanis, "Taabota Allaah Israaʼel gara Gaati geessaa!" jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Allaah Israaʼel achii baasan.

9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Rabbii Allaah magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe. 10 Kanaafuu taabota Allaaha gara Eqroonitti ergan.

Akkuma taabonni Allaaha Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, "Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Allaaha nutti fiddan" jedhanii iyyan. 11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa" jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Allaahas akka malee itti jabaatee ture.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-