Iisaan Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
28 Iisaan erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture. 29 Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge; 30 akkanas isaaniin jedhe; "Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa. 31 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa."
32 Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan. 33 Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, "Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?" jedhanii isaan gaafatan.
34 Isaanis, "Gooftaatu isa barbaada" jedhanii deebisan.
35 Ilmoo harree sanas Iisaatti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Iisaa irra teessisan. 36 Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan.
37 Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Allaah galateeffachuu jalqaban.
38 "Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"19:38 Zab 118:26
"Nagaan shamaayʼun irratti, ulfinnis ol gubbaatti!"
39 Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Iisaadhaan, "Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!" jedhan.
40 Innis deebisee, "Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu" jedheen.