10 Malaʼikkaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; "Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii. 11 Harʼa magaalaa Daawud keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Al-Masiihii Goofticha.