Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 1

20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. 21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23 Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu"1:23 Isa 7:14 jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.

24 Yuusufis hirribaa dammaqee akkuma malaʼikkaan Gooftaa isa ajajetti Mariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Iisaa" jedhee moggaase.

Veja também