2 Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana:
Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas,
Yaaʼikuub ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis,
3 Fiiliphoos, Bartaloomewoos,
Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu,
Yaaʼikuub ilma Alfewoosii fi Taadewoos,
4 Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Iisaa dabarsee kenne.