Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 12

10 kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Iisaa himatan barbaadaa waan turaniif, "Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?" jedhanii isa gaafatan.

11 Iisaan immoo akkana isaaniin jedhe; "Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa? 12 Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha."

13 Namichaanis, "Harka kee diriirfadhu" jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.

Veja também