Fakkeenya Qabeenya Dhokfameetii fi Lulaa
44 "Mootummaan shamaayʼun qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
45 "Akkasumas mootummaan shamaayʼun daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. 46 Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.