32 Iisaan barattoota isaa ofitti waamee, "Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu" jedhe.
33 Barattoonni isaas deebisanii, "Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?" jedhan.
34 Iisaan immoo, "Isin buddeena meeqa qabdu?" jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii, "Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna" jedhan.
35 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. 36 Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan. 37 Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 38 Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.