Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 25

Hoolotaa fi Reʼoota

31 "Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin malaʼikkoota Allaaha hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. 32 Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. 33 Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.

34 "Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. 35 Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; 36 ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.

37 "Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? 38 Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? 39 Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?

40 "Mootiin sunis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootanjedhaan.

41 "Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa ibliisii fi malaʼikkoota isaatiif qopheeffametti galaa. 42 Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; 43 ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.

44 "Isaanis, Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?jedhanii deebisu.

45 "Innis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goonejedha.

46 "Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu."

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também